• Tue. Jan 13th, 2026

Iraan haleellaa milkaaina magaalaa Israael Tel Aviv irratti raawwachuu yoo ibsitu, Israa’el ammo wiirtuu ajaja waraana Iraan Quds rukutuu himte

Jun 16, 2025

ONM-ABO Waxabajji 16, 2025 

Iraan Wiixata har’aa  haleellaa misaaelaa Israael irratti milkaainaan raawwachuun  magaalota hedduu keessatti dua sadii fi gamoo mana jireenyaa irratti miidhaa geessisuu himte.

Haleellaa misaaelaa haaraa qilleensaa gara qilleensaatti korporeeshinii waardiyyaa warraaqsaa Islaamaa IRGC bua qabeessa Israael keessatti galmeessuu, eegdonni ibsa dhaabbata oduu IRNAf kennaniin ifoomsaniiru.

Misaa’eloonni Iraan Wiixata ganama haleellaa ganama bariitiin Tel Aviv fi magaalaa buufata doonii Haayifaa irratti raawwatame, mana barbadeessuu fi yaaddoo  hoggantoota addunyaa gidduutti uumeera.

Gama biraan waraanni Israa’el Wiixata har’aa akka jettetti wiirtuuwwan ajajaa Teehiraan kan humna Iraan Quds, harka hojii biyya alaa korporeeshinii waardiyyaa warraaqsaa Islaamaa tae rukutuu ibseera.

Humni Qilleensaa Israael giddugaleessi ajajaa humna Quds IRGC fi waraana Iraan, irratti tarkaanfii fudhachuu  daayreektarri basaasaa waraana Israael fi raayyaa Israa’el waliin kan ibsan yoo ta’u, kunis magaalaa guddoo Iraan keessatti argamu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading