ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Siree gandoota akka Kolobaa Hawaasii fi Kolobaa Biiqqaa jedhaman keessatti ergamtoonni murna Bilxiginnaa kan ergama koloneel Abiy Ahimediin galmaan gahuuf carraaqan Waxabajjii 14, 2025 hawaasa jumlaan mana hidhaatti guuruun qabeenya isaaniis saamuu fi manneen jiraattotaa abiddaan barbadeessaa akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Jiraattota ganda Kolobaa Hawaas irraa yakka malee ukkaamfamuun hidhaman keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Nuuraa Taayyee,
- Haamid Huseen,
- Jamaal Haajii Tuunaa,
- Suufiiyyoo Haajii Tuunaa fi
- Abdallaa Kadir
kanneen jedhaman balleessaa isaan hiisisu osoo hin qabaatin gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii hiraarfamaa kan jiran oggaa ta’u, namootni ganda Kolobaa Biiqqaa irraa hidhaman ammoo:
- Sulxaan Nuurii,
- Bulbulee Qaasim fi
- Daaduu Huseen kanneen jedhaman ta’uu maddeen dabaluun ONM’f ifoomsaniiru.
Dabalataanis kanneen qabanii hidhanii reebichaan rakkisaa jiran malee achuma ganda Kolobaa Biiqqaa keessaa qabeenya namootaa hedduu saamaa turaniiru. Namoota qabeenyi isaanii saamame keessaa muraasni:
- Jibiriil Haajii Faayoo jalaa loon 2,
- Sulxaan Haajii Faayoo jalaa loon 9 fi
- Umar Xaahiroo jalaa loon 2 kan saaman yommuu ta’u,
kanneen manaa fi qabeenyi gubachuun jalaa manca’e keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Obbo Musxafaa Aliyyii fi
- Mahaammad Abdallaa kanneen jedhaman ta’uu
maddeen gamasii ONM’f eeraniiru.


