ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti rakkoo keessoo isaaniitti uumamu irra waliif darbuu dadhabuu fi jibbiinsa waliif qaban ifatti agarsiisuun waliima isaaniin walitti garagalanii hanga lubbuu walii isaanii balleessuutti wal hiraarsaa jiru.
Aanaa Kiiramuu magaalaa Kiiramuu irraa torbee darbe keessa milishoonni sirnichaa fi poolisoonni waldhabuun rakkoo gidduu isaaniitti dhalateen hidhaatti wal darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Maddi waldhabdee isaanii ammatti sirnaan beekamuu baatus, loltoonni kunneen qawwee walitti nyaachifachuun ajjeechaaf wal gaadaa turuu fi walitti bu’insi isaanii kan yeroo lakkoofsisee jiru yoo ta’u, maqaa adda addaa walitti moggaasuun walii isaaniin wal hadheessanii loltoonni hedduun hidhaatti wal darbachuun dararaa ulfaataa wal irraan gahaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsamee jira.
Akkuma impaayerattiitti, jala deemtonni Bilxiginnaa walii galtee dhabuun wal rakkisanii wal hidhuu, wal reebuu, wal ajjeesuu, wal saamuu fi bakka buutee walii isaanii dhabamsiisuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ifoomeera.




