• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn aanaa Sooddoo Daaccii keessatti tarkaanfii laaleessaa loltoota Abiy Ahimed irratti fudhateen 51 irraa ajjeese

Jun 18, 2025

ONM-ABO | Waxabajji 17,2025

Irree fi gaachanni uummata Oromoo korommiiwwan Zoonii Harsadee guyyaa har’aa Waxabajjii 17, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Bacaqii jedhamu keessatti ganamaan tarkaanfii laaleessaa fudhachuun waraana tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irraa 51 ajjeesee 70 ol madeessuun 2 harkaan qabee jira.

Gama meeshaatiin kilaashii AKM 35 hidhannoo guutuu waliin, bireena (PKM) 1 nyoroorroo rasaasa 800 of irraa qabu, boombii, rasaasa AKM, qophii waraanaa fi galaa irraa dhuunfachuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godheera.

Hogganaan waraana PP Biraanuun Juulaa WBO dhibbeentaa 90 balleessineerra, kan hafe baqa irra jiraa fi qondaaltotni isaanii baatii 2 gidduutti xumura baatii Waxabajji kanatti Oromiyaa keessaa ni qulqulleessina jedhanis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Finfinneetti dhiyoo aanaa Moloo fi funyaan Bishoftuu jalatti haleeluun irraa hiikee booji’aa jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading