ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025
Aanaa Dibaax ganda Giipootti waraanni sirna dhableeyyiin Bilxiginnaa ajjechaa fi hidhaa akkasumas saamicha hammeessuun Waxabajjii 16, 2025 Obbo Tuulii Abbabaa kan jedhamu abbaa ijoollee shanii osoo inni xaa’oo bitachuuf deemaa jiruu, yakka tokko osoo hin qabaatin ajjeesanii gatan.
Ganda Geesheetti ammoo Obbo Abarraa Waaqjiraa abbaa ijoollee ja’aa bakka inni hojii qonnaa hojjechaa jiruu ukkaamsuun mooraa waraanaa Gaalessaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himanii jiru.
Kana malees Obbo Margaa Olaanii ammoo qarshii 70,000 saamuun mooraa waraanaa magalaa Galeessaatti hidhuun reebicha ulfaataa irraan ga’aa akka jiran jiraattonni itti dabaluun ONM’f ifoomsaniiru.
Oduuma ajjeechaatiin guyyaadhuma kana milishaan maqaan isaa Iyyaasuu Darasuu jedhamu lukkeelee sirnichaan akka ajjeefames kan himamu oggaa ta’u, wal-dhabdee dhuunfaa qaamolee sirnichaa gidduutti uumameenis akka ajjeefame dubbatu.


