• Wed. Mar 18th, 2026

Godin Arsii Bahaa Aanaalee hedduu keessatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa irratti dararaa jabeessuun ibsame 

Jun 21, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025 

Waxabajiii 19, 2025 aanaa Muuneessaa ganda Gujichaatti maqaa sakattaa WBO’n waraanni bobbaafaman dargaggoo maqaan isaa Bantaaluu Dibbiluu jedhamu rasaasaan rukutanii yoo madeessan, ganda Choophaa Ilaalaa keessaa ammoo namoota hedduu rasaasa itti dhukaasuun baqachiisanii ijoollee fi loon isaanii jumlaan guuranii mooraa waraanaa isaaniitti akka galchan jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

Namoota qabeenyi jalaa saamame muraasni maqaan nu qaqqabe: 

  1. Ganamoo Qursee,
  2. Gabii Furoo fi
  3. Daalee Qursee 

kanneen jedhaman yoo ta’u, daa’imman qabaman ammoo:

  1. Abdurroo Biqilaa,
  2. Shubee Ammayyaa, 
  3. Baabbaa Ammayyaa, 
  4. Gammuu Ammayyaa,
  5. Dachaas Ammayyaa, 
  6. Magee Ammayyaa,
  7. Guddattuu Ammayyaa, 
  8. Haacaaluu Ammayyaa 

kanneen jedhamanii fi namoonni hedduun jiraachuun barameera. 

Murni Bilxiginnaa jiraataa ganda Choophaa Ilaalaa maqaan isaa Buuqee Badhaasoo kan jedhamu waggaa 5 dura butuun achi buuteen isaa hanga har’aatti kan hin beekamne yoo ta’u, Waxabajjii 19, 2025 qe’ee isaa dhaquun qabeenya isaa guutuu jalaa barbadeessuu fi loon torba jalaa fudhachuu jiraattonni Arraata Bityoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Haacaamoo iddoo addaa Wadalee jedhamu keessaa Waxabajiii 19, 2025 dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Huseen Waadoo jedhamu waraanni faashistii PP hidhuun hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading