• Wed. Mar 18th, 2026

Armeeniyaa himannaa fonqolcha mootummaatiin dhiyaatee hanga murtii argatutti abbaa amantii olaanaa mana hidhaa tursiste

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025 

Manni murtii Armeeniyaa Kamisa kaleessaa abbaa amantii dhiibbaa guddaa uumuu tokko himannaa yaalii fonqolcha mootummaatiin himatamee dhaddacha dura ji’a lamaaf akka hidhaa turu taasise. Kunis erga aanga’oonni shira mootummaa kuffisuuf qophaa’e fashaleessine jedhanii guyyaa tokko booda.

Angawoonni, Phaaphaasii Bagrat Galistaniyan, nama olaanaa fi beekamaa waldaa kiristaanaa fi kan Muummicha Ministeeraa Nikol Pashiniyan mormu, shakkamtoota 14 biroo waliin to’annaa jala oolchaniiru.

Tarkaanfiin kunis qaama tarkaanfii guddaa sochii Qabsoo Qulqulluu  Phaaphaasii Galistaniyan jedhaman  irratti fudhatameedha.

Kamisa kaleessaa “manni murtii aangoo waliigalaa Yerevan keessatti argamu, Phaaphaasii Bagrat Galistaniyan ji’a lamaaf hidhaa dhaddacha duraatti akka erguuf murteesse,” jechuun abukaatoon isaanii keessaa tokko Hovhanes Kudoyan gaazexeessitootatti himeera.

Armeeniyaan erga bara 2023 waraana Azarbaajaan waliin naannoo Kaaraabaak falmisiisaa ta’e irratti mo’amtee as gadi fageenyaan yoo qoqqoodamtu lammiileen saba Armeeniyaa 10000 ol akka baqatan taasiseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading