• Thu. Jan 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Boshee keessatti Kaadiroonni Bilxiginnaa walii isaanii hidhaa jiraachuun dhaga’ame

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Waxabajjii 23, 2025 Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee ganda Boshee Timbaakkoo keessatti bulchaa gandichaa duraanii kan ta’e nama maqaan isaa Abarraa Kabbadaa jedhamuu fi miliishota sirnichaa kan ta’an: 

  1. Shaambaal Biraanee fi 
  2. Hambaayee Qalbeessaa 

namoota jedhaman fakkaattonni isaanii reebicha ulfaataa ta’e erga irraan gahanii booda mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen amanamoon keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, ergamtoonni kunneen dantaa sabaa irratti osoo hin taane dantaa dhuunfaa isaanii irratti wal dhabuun kan wal hidhan ta’uu dubbatu.

Ergamtoonni Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha dhiiga qulqulluu ilmaan Oromoo isaan dhangalaasaa oolan walitti deebisuun guyyuu dhiiga walii dhangalaasuu fi hidhaa wal irratti raawwachaas jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading