• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota jumlaan leenjii waraanaaf ukkaamsuun dhaga’ame 

Jun 27, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2025 

Dhiigaa fi lafee ilmaan hiyyeessaatiin teessuma siyaasaa isaa tikfachaa kan jiru koloneel Abiy Ahimed, ergamtoonni isaa kutaalee impaayerattii cufa keessaa ilmaan Oromoo adamsanii gara leenjii waraanaatti guuruu, hidhuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuu itti fufanii jiru.

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Dongooroo jedhamu irraa Waxabajjii 25, 2025 ergamtoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha halkanii fi guyyaa ifaajan jiraattota saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin jumlaan leenjii waraanaaf ukkaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota ukkaamfaman keessaas kan maqaan nu ga’e Obbo Tasfaa kan jedhamu yoo ta’u, namoonni baay’inaan 20 ol ta’anis waajjira poolisii aanichaa galanii jiraachuu fi kanneen 100 ol ta’an ammoo bakki isaan geeffaman kan hin beekamne ta’uu itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading