ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaalee Boqqojjii fi Gunaa keessatti ergamtoonni impaayerattii tooftaalee saamichaa garaa garaa kalaqatanii maqaa garaa garaa itti maxxansuun saamicha qabeenyaa ulfaataa irratti geggeessaa jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Kufaatii siyaasaa fi dinagdee hammaataa isa mudateen raafama hamaa keessa seentee kan jirtu impaayerattiin yeroo ammaa kana rakkinni rakkoodhumaan furama mala jedhu akka tooftaa bulchiinsaatti itti fayyadamuun saamtota waraana isaa qe’ee hawaasa Oromootti bobbaasee gochoota dhala namaaf hin malle geessisaa jira.
Haaluma kanaan jaleewwan sirnichaa kunneen aanaa Boqqojjii gandoota akka Leemmuu Milkii, Qoomaa kaarraa fi Qoomaa dabalatee gandoota hedduu keessatti uummata hidhuu fi qabeenya isaanii saamuu hojii idilee godhatanii hojjechaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ONM’f eeraniiru.
Dabalataanis aanichuma ganda Leemmuu Milkii keessatti torbanuma kana keessa dargaggoo maqaan isaa Hajjii Huseen jedhamu yakka tokko malee reebicha hamaa qaama laalessu reebuun erga miidhaa irraan ga’anii booda mana yaalaa dhaqee yaalamuus dhorkanii magaalaa Boqqojjii geessuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuus jiraattonni dubbatu.
Kana malees oduudhuma dararaa murna Bilxiginnaatiin aanaa Gunaa gandoota hedduu keessattis maqaa hariiroo waraana bilisummaa Oromoo waliin qabdu shakkii jedhuun daandii guddicha baadiyyaalee garaa garaa irraa magaalaa seensisu irratti ba’uun uummata magaalaa dhaqachuu dhorkuu fi qabeenya isaan ittiin magaalaa dhaqatan guutummaatti harkaa saamanii harka qullaatti hambisaa jiraachuu dabalataan addeeffameera.

