ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025
Baha Shaggar Aanaa Boosat ganda Gugsaa jedhamu keessatti Waxabajjii 26, 2025 ergamtootni waraana koloneel Abiy Ahimed maqaa sakkattaa WBO jedhuun olii fi gad naanna’aa oolan, nama maqaan isaa Obbo Guutaa Jimaa Boosat jedhamu jalaa:
- qotiyyoo 2,
- sa’a dhaltii 2 fi
- waatii 1 jalaa ooffatanii deemuu jiraattonni ONM’f eeran.
Aanaa Boosat keessatti kanaan duras gandoota hedduu irraa uummata nagaa kan qaama siyaasaa kamiyyuu irraa bilisa ta’an manaa fi qabeenya isaanii abiddaan barbadeessuun, iddoo tokkotti walitti funaananii ooyiruu isaanii akka hin qotanne dhorkuun beelaaf saaxilanii akka jiranis dabaluun dubbatu.
Jiruu fi jireenya uummataa mancaasuun hiyyummaa keessatti kuffisaa kan jiran shiftoonnii fi saamtonni murna PP irree isaanii uummatatti agarsiisuun guyyuu afaan qawween doorsisanii saamuu, ajjeesuu, hidhuu fi gudeeddii irratti geggeessaa jiraachuun ni mul’ata.

