• Thu. Apr 30th, 2026

Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti faashistoonni murna PP manneen amantaa garaa garaa fi afooshaalee uummataa irraa maallaqa dirqiin guuraa jiraachuun dhaga’ame

Jun 28, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2025 

Murni Bilxiginnaa gochoota badii jaleewwan isaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabeessuun, aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii keessatti namoota dhuunfaa dabalatee, manneen amantaa Kiristaanaa fi Musiliimaa akkasumas afoosha uummataa irraa afaan qawwee fayyadamuun dirqiin qarshii 10,000 ol harkaa fuudhaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Bulchiinsi abbaa irree yeroo ammaa aangoo fi humna isaatti fayyadamuun namoota dhuunfaa hanga uummataatti, saalfii fi gara laafina tokko malee saamicha irratti geggeessaaa jiru kun onichatti saamichaan cinatti namoota hidhuu, doorsisuu fi dhiibbaa adda addaa raawwachaa jiraniin qonnaan bultootaa fi ilmaan hiyyeessaa mankaraarsaa jiraachuu dabaluun ifoomsaniiru.

Kufaatii dinagadee karaa maraan impaayerattii mudate raafama keessa galchee jiru jalaa of baraaruuf humnoota waraana isaatti dhimma ba’uun saamicha qabeenya uummataa irratti jabeessee kan jiru murni balfamaan PP, hidhaa, ajjeechaa, gudeeddii fi gubaatii manneen jiraattota nagaa irratti cimsuun duguuggaa sanyii geggeessaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading