ONM-ABO Adoolessa 9, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa maqaa sobaa hawaasni keessa hin jirre itti maxxansuun dararaa ulfaataa raawwachaa oolan, aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaa jedhamu irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Mahaammad Kadir jedhamutti dhukaasuun erga qabanii booda reebicha hamaa ta’e irratti raawwatanii deemuu namoonni ijaan argan ONM’f eeran.
Qonnaan bulaan kun, nama siyaasa kam irraa bilisa ta’ee fi hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee jiraatu oggaa ta’u, “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jechuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu dabaluun eeraniru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma argan bobba’uun, sababa Oromummaaf qofa hawaasa Oromoo magaalaa fi baadiyyaa jiraatan osoo adda hin baasin dararaa ulfaataa irratti raawwachuu hammeessanii jiru.

