• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti qonnaan bulaan tokko dararaa loltoota Bilxiginnaa dadhabuun ofii ajjeesuun himame

Jul 10, 2025

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Gosanii Baabboo jedhamu irraa torban darbe keessa qonnaan bulaan maqaan isaa Obbo Taammiruu Nagaraa jedhamu doorsisa, hidhaa, reebichaa  fi saamicha ulfaataa loltoonni impaayerattii yeroo yeroon irratti raawwatan dadhabuun daawwaa nama ajjeesu dhugee of ajjeesuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Qonnaan bulaan kun, badii tokko qabaateef osoo hin taane, “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhamee dararaa lukkeeleen Bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti jiran irra deddeebiin gochoota gara jabinaa irratti raawwatan baachuu dadhabuun tarkaanfii kana akka of irratti fudhate gabaasni ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Akkuma aanichaatti, loltoonni Abiy Ahimediin hawaasa nagaa dararuuf bobbaafaman maatii qabsaa’otaa saamuu hanga rasaasaan dhahanii haala suukkaneessaa ta’een hawaasa fuula duratti ajjeesuutti kan itti fufanii jiran ta’uun baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading