ONM-ABO Adoolessa 10, 2025
Godina Matakkal aanaa Dibaax bulchiinsa magaalaa Gaalessaa keessatti loltoonni sirnichaa fi kaabinoonni Bilxiginnaa kanneen uummata irraa dhalataniif rifaatuu hin qabne garaa isaaniif jecha saba isaanii dararaa oolan, sababa garaa garaa tarreessuun uummata nagaa saamuu fi maqaa hidhata WBO qabda jedhuun hidhaatti guuraa jiraachuu ONM odeeffate.
Haaluma kanaan Adoolessa 6, 2025 bulchiinsa magaalaa Gaalessaa keessatti daldaltoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobbaa’anii jiraatan namoota maqaan isaanii:
- Kabaa Laggaasaa,
- Waaqjiraa Gurmuu,
- Amanuu Fufaa,
- Dassaalee Dhufeeraa fi
kanneen ammaaf maqaan nu hin geenye hedduun, loltoota sirnichaan badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhaatti kan darbataman yoo ta’u, addatti ammoo abbootii qabeenyaa sabaan Oromoo ta’an irratti, saamichi qabeenyaa jala deemtota sirnichaan irratti raawwataa jiraachuu, odeessi nu qaqqabe ni addeessa.

