• Sun. Nov 22nd, 2026

Leeseettoon taarifa Ameerikaan irra kaa’ame gidduutti hoji dhabdummaan dabalaa dhufeen haala balaa labsite

Jul 11, 2025

ONM-ABO Adoolessa 11, 2025 

Leeseetoo sababa hoji dhabdummaan olaanaa ta’een balaa waggaa lamaaf labsitee jirti. Kunis murtee prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp baatii Eblaa keessa dhiyeessii biyya Afrikaa irraa galfamu irratti taarifa %50 kaa’uu isaanii hordofuun.

Itti aanaan muummicha ministeeraa Nitoomeng Maajaraa sababa hoji dhabdummaa %30 fi hojii jumlaa dhabuutiin beeksisa kana dhiyeessan.

Maajaraan akka jedhanitti, bu’aa hojii dhabdummaa xiqqeessuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo hunda fudhachuuf kan tilmaame, hanga Waxabajjii 30, 2027tti hojiirra oola.

Akka ragaan seeraa akka agarsiisutti, hoji dhabdummaan dargaggootaa Leeseetoo keessatti argamu, kan baay’ina ummataa tilmaamaan miliyoona 2.3 qabu, gara %50 ga’eera.

Gargaarsa biyya alaa Ejensii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa (USAID)tiin maallaqaan gargaarame ilaalchisee ibsa Amajjii kennaniin, Leeseetoon, kan gargaarsa doolaara miiliyoona 8 argatte, “biyya eenyullee hin dhageenye” jechuun ibsaniiru.

Leave a Reply