ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Murni humna waraanaa qabu cufa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun hawaasa nagaa jiruu fi jireenya dhorkaa impaayerattii natu of harkaa qaba ofiin jedhu Bilxiginnaan, Arsii Bahaa aanaalee garaa garaa keessatti uummata nagaa dararuu hammeessee jira.
Adoolessa 8, 2025 aanaa Siree ganda Kolobaa Hawaas keessatti ija haadhaaf abbaa duratti qarreewwan hedduu reebaa turuun, booda irra mana hidhaatti guuranii jiraachuu maddeen keenya eeran, isaan keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Gannoo Asheetu
- Warqituu Gazabee
- Daraartuu Doddoota kanneen jedhamaniidha.
Shamarran kunneen yakka tokko osoo hin qabaatin reebichi irratti raawwatamuun kan hidhaman yoo ta’u, maatiin yeroo ammaa yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Akkasumas, Arsiidhuma Bahaa aanaa Boqojjii ganda eemmuu Mirxii jedhamu keessatti maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti moggaasuun qonnaan bultoota nagaan maatii isaanii guddifachaa jiran baay’inaan 11 ta’an, ganda irraa walitti qabuun reebaa turuun booda irra waajjira poolisii magaalaa Boqojjiitti hidhuun maatiin akka hin ilaalle irraa dhorkaa jiraachuu jiraattonni aanichaa ifoomsanii jiru.
Namoota haala kanaan hiraarfamaa jiran keessa kanneen maqaan nu gahe:
- Obbo Hassan Amanoo abbaa ilmaan 4,
- Obbo Abaadiroo Hassan abbaa ilmaan 2,
- Aadde Amiinaa Hassan,
- Obbo Gabboo Birkii fi
- Muhaammad Birkii kanneen jedhamaniidha.

