• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Siraarootti jaleewwan Bilxiginnaa “mana murtii aadaa ijaarra” jechuun hawaasa irratti saamicha geggeessaa jiraachuun himame

Jul 12, 2025

ONM-ABO Adoolessa 12, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu keessatti murni Bilxiginnaa jaleewwan isaa bobbaasuun maqaa “mana murtii aadaa isiinif ijaarra” jedhuun hawaasa irratti saamicha geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka maddeen himanitti, duraanis maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen naga’ee tokko malee saamaa turuu fi jiraachuu eeruun, nama tokko irraa dirqamsiisuun muka baargamoo 2 fi qarshii 50 saamaa jiraachuu ifoomsan.

Tiksitoonni impaayera bututtuu suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan loltootni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti saamichaa eegalee sarbamiinsa mirga namoomaa adda addaa hammeessuun hawaasa nagaa hojii idilee isaa hojjetatee bulu irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading