ONM-ABO Adooessa 12, 2025
Adoolessa 10, 2025 Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Tulluu Adiyyoo keessatti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii maatii qabsaa’otaa 3 guutummaa kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Maammadoo Baacaa fi
- haadha warraa isaa
3-5. Aadde Dhibbashii Daggafaa akkasumas ijoollee isaanii shamarran lama
6-9. kan maqaan isaanii ammaaf adda hin baane maatii tokko keessaa namoota 4 akkasumas,
- Obbo Alamaayyoo Baacaa fi
- haadha warraa isaani
- Aadde Balaayinesh Dassee akkasumas ijoollee isaanii;
- Burtukaan Alamaayyoo fi
- Faanosee Alamaayyoo
- maatii tokko guutummaa hidhuun ollaadhuma sanaa;
- Obbo Lachiisaa Taasisaa fi
- haadha warraa isaanii
- Aadde Bungulee Baqqalaa akkasumas ijoollee isaanii:
- Aschaaloo Lachiisaa fi
- Yaadasaa Lachiisaa
kanneen jedhaman maatii guutuu badii tokko malee qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhee hiraarsaa jiraachuu jiraataan gadichaa tokko ONM’tti himee jira.
Akka jiraataan kun himutti maatiin sadan jumlaan hidhaatti darbataman kunneen badii qabaataniif osoo hin taane, maqaa “Ijoollee keessan bosana jiran galchaa” jedhuun gochi dhiittaa mirga namoomaa kun irratti raawwachuus dubbata.
Murni maafiyaan PP karaa miidaayaalee soba isaanii kukkuulanii holola dharaa hafarsaa oolaniin yeroo garaa garaatti WBO guyyoota muraasa gidduutti balleessina jechuun abjuu dhugoomuu hin dandeenye lallabaa oolanis, gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo garuu inumaayyuu kan durii irra dagaaguun karra shanan Finfinnee dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti tarkaanfii gurguddaa waraana impaayerattii irratti fudhachaa jiraachuu irraan kan ka’e, qondaalonnii fi kaadiroonni Bilxiginnaa rifaatuu guddaa keessa seenuudhaan fala wallaalanii maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhuun achi buutee dhabamsiisuu akkasumas dirqamaan mooraa leenjii waraana sirnichaatti erguu fi akka bineensaatti ajjeesuu, saamuu fi dararuu hojii idilee isaanii taasifatanii jiraachuun beekamaadha.


