ONM-ABO Adooessa 12, 2025
Godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Qabballeetti murni Bilxiginnaa gantoota moonaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa gananii galanii fi namoota rifeensa nam-tolchee tolfatanii jiran maqaa waraana bilisummaa Oromoo ittiin balleessuuf jecha seensa baatii Adoolessaa irraa eegaluun qe’ee uummataatti bobbaasanii dukkana da’oo godhachuun nuti WBO’dha jedhanii yakkoota adda addaa namoota reebuu, ukkaamsanii qarshii gaafachuu fi gochoota safuu hawaasichaa cabsan, kan WBO hin ibsine galgala-galgala jiraattota irratti raawwachaa akka jiran maddeen ona Daawaa Caffaa ONM’f eeraniiru.
Qabsoo Bilisummaa sabichaaf ABO-WBO’n dirree irraa finiinee geggeeffamaa jiru baatii tokkoo fi lama keessatti ni dhabamsiifna jedhanii dhaadachaa kan turan aangaa’oonni Bilxiginnaa, WBO balleessuun isaanii hafee loltoota isaanii baay’inaan maqaa WBO balleessituun bobbaasaa jiran, WBO’n du’aa fi madoon adabuu bira darbee booji’uu fi meeshaa waraanaa irraa hiikkatee kasaaraa guddaa Bilxiginnaa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.
Haa ta’u malee WBO maqaa balleessuuf gochaawwan dabaa murni faashistii PP gochaa jiran danuu ta’us, uummanni Oromoo gochoonni akkasii waraana bilisummaa Oromoo bakka akka hin buune hubattanii WBO’f eeruu laachuun hattoota Bilxiginnaan maqaa WBO ittiin hadheessuuf ijaartee bobbaafachuun safuu hawaasichaa ittiin cabsaa jirtu saaxiluu qabduun dhaamsa keenya.



