• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jul 20, 2025

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu irraa loltootni PP ergama badiisaa qabatanii bobba’uun hawaasa hojii idilee isaanii irra jiran kanneen maqaan isaanii:

  1. Geetaachoo Fiixee, 
  2. Darajjee Fiqaaduu, 
  3. Dabalaa Aagaa, 
  4. Faqqadaa Galataa, 
  5. Silgaa Bakaree, 
  6. Bayyanaa fi 
  7. Yaadataa 

jedhamanii fi jiraattota hedduu badii tokko malee ukkaamsuun, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu” jedhuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandicha keessaa namoota 29 ol hidhanii dararaa kan jiranii fi “ilmaan keessan yeroo dhiyootti galchuu qabdu, kana ta’uu baannaan beekkadhaa!” jechuun doorsisa adda addaa irratti raawwataa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Loltoonni Bilxiginnaa waanuma sammuun isaanii ajaje cufa hawaasatti gadi buusuun, nama rakkoo adda addaan ajaja isaanii guutuu dadhabe maqaa garaa garaa itti maxxansuun hiraarsaa ulfaataa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading