ONM-ABO Adoolessa 20, 2025
Adoolessa 19, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo mooraa waraana murna Bilxiginnaa magaalaa Dullii irraa miseensotni waraana PP sadii sirnicha ganuun WBO’tti harka kennatan.
Miseensotni waraana impaayerattii gara mooraa Waraana Bilisummaa Oromoo dhufan kunneen qawwee AKM 3 hidhannoo guutuu waliin qabatanii WBO bira nagaan ga’anii jiru.
Gareen faashistii PP aangoo irra yeroo dheeraa turuuf daa’imman umuriin hin geenyee hanga ga’eessota maatii horatanitti humnaan qe’ee isaanii irraa qabuun mooraa galchee leenjii kennaafii turus, namootni leenji’anii bobba’an haala argataniin qawwee fi hidhannoo isaanii qabatanii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo isaanii jirutti harka kennachaa fi keessaa badanii jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachaa jiru.
Dhibdee siyaasaa impaayerattii afaan qawween deebisuuf ilmaan hiyyeessaa irbaata rasaasaa gochaa kan jiru Abiy Ahimed, loltootni gocha isaa kana balaaleffatan mooraa sirnichaa keessaa ba’aa jiru. Sababa kanaanis yeroo ammaa mooraa waraana PP bakkoota adda addaatti loltootni Bilxiginnaa guyyaatti 10 ol WBO’tti makamaa jiru.
Hooggantootni BIlxiginnaa impaayerattiin nagaadha, jeequmsi miidiyaa qofa irra jiraa fi waraanni keenya lola geggeessaa jiruun qaama waliin geggeessaa jiruun %90 fixeera jedhanis lola isaan hin ilaallannetti dargaggoota galchuun ficcisiisaa jiraachuu fi miidhaan uummata irra ga’u sababoota loltootni PP kunneen keessaa gananiif akka ta’e yaada isaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennan irraa hubachuun ni danda’ama.

