• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa qonnaan bulaa Oromoo tokko madeessuun, tokko immoo haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii kanneen hedduu saamuun himame

Jul 21, 2025

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Galeessaa bakka addaa Kaannisaa jedhamu irraa Adoolessa 15, 2025 hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun socho’an, qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa: 

  1. Obbo Shaambal Girmaa jedhamu gara jabina guddaan ajjeesanii gatuun, abbaa isaa 
  2. Obbo Girmaa immoo rasaasaan rukutanii madeessuu 

jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandichuma keessaa guyyaadhuma sana Adoolessa 15, 2025 ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf ergama mootummaa gabroomfataa Bilxiginnaan utubamanii kanneen hidhannoo guutuun socho’an, qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Ibsaa Mahaammadii fi 
  2. Obbo Ismaa’el Mahaammad 

jedhaman jalaa horii isaan qaban guutummaa ooffatanii deemuun dabalataan ibsamee jira.

Aanichatti akka hawaasni Oromoo saamamuuf deggersa gochaa kan jiru bulchaa aanichaa yoo ta’u, qarshii guddaa hidhattoota gara jabeeyyii Amaaraa irraa fudhachuun saba irraa dhalate maallaqaan jijjiiree gara isaanii goruun hawaasa qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa kan jiru ta’uun baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading