• Sun. Nov 22nd, 2026

Pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaald Traamp lammiilee Afgaanistan UAE irraa ari’amuun isaan mudate ‘baraaruuf’ dhaadatan

Jul 21, 2025

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Traamp baqattoota Afgaanistaan Yunaayitid Arab Emireets irraa ari’amuun isaan mudate gargaaruuf Dilbata kaleessaa waadaa galaniiru.

“Amma irraa eegalee isaan baraaruuf nan yaala,” jechuun Tiraamp Truth Social irratti barreessuun gabaasa oduu waa’ee haala kanaa qoodaniiru.

Akka gabaasa Just the News kan Tiraamp ergaa isaanii cinatti qoodanii ibsutti, qondaaltonni UAE akeekkachiisa malee mooraa baqattootaa Abu Daabii keessatti argamutti dhiyaatanii dhiirota, dubartootaa fi daa’imman Afgaanistaan 32, kanneen biyyattii keessatti baqatan, biyyaa ari’amuu karoorfamuu beeksisaniiru.

Qondaaltonni mooraa paaspoortii garee kanaa kan waggoota afuriif gamoo tokko keessatti qabame akka fudhatan ibseera.

Kufaatii humnoota mootummaa Afgaanistaan fi Ameerikaan  hordofee Hagayya 2021  Taalibaan aangoo qabatee ture.

Afgaanistaan keessatti gabaasaan addaa mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Riichaard Beeneet Dilbata darbe gabaasawwan kana irratti ”sodaa guddaa” ibsuun, mootummaan UAE karoora lammiilee Afgaanistan biyyaa ari’uu ”hatattamaan” akka dhaabu gaafataniiru.

”Afgaanistaan nageenya hin qabdu, warri deebi’uuf dirqaman ammoo ari’atamaa fi haaloo ba’iinsa hokkaraa guddaa keessa jiru,” jechuun qondaalli kun akeekkachiisuu Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply