• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessaa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 3 hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan 

Jul 22, 2025

ONM-ABO Adoolessa 22, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat mooraa waraana Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Biitee fi ganda Gawoo Guduruu irraa torban darbe keessa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii sadii:

  • qawwee AKM 3 fi 
  • hidhannoo 3 qabachuun 

WBO’tti harka kennatanii jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Miseensota waraana Bilxiginnaa duraanii WBO’tti harka kennatan kanneen keessaa 2 sabaan Oromoo yoo ta’an, 1 ammoo uummattoota Kibbaa ta’uun ibsameera.

Loltoonni kunneen simannaa ho’aa WBO’n taasiseefitti hedduu gammaduun, fakkaattota isaanii mooraa diinaatti hafaniinis “sirna bututaa kana osoo nan tiksa jettanii waliin kufuu irra dafaatii akka keenya yeroon of-baraaraa” jechuun dhaamaniifii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading