ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Waraanni murna Bilxiginnaa gara laafina ilma namaaf hin qabne, kan lubbuun ilma namaa isaan biratti gatii hin qabne, kaleessa Adoolessa 21, 2025 godina Qellem Wallagga aanaa Jimmaa Horroo ganda Keekkuu jedhamtu keessatti yakka tokko malee shamarree maqaan ishee Daraartuu Gaaddisaa jedhamtu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun, loowwan hawaasaa irrattis saamicha raawwatanii jiraachuu jiraattotni gabaasan.
Shiftoonni murna PP kunneen Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Ulaa Gaantii keessattis maanguddoo maqaan isaanii Obbo Bayyanee Guddatoo Gabanee jedhamu maqaa ilmaan keetu bosona jira jedhuun qe’ee fi maatii isaa irraa qabuun hidhanii gidirsaa jiraachuu jiraattotni gamasii ONM’f eeranii jiru.
Ilmaan Oromoo dararuu hojii idilee isaanii kan godhatan sirna dhableeyyiin ergamtoota murna Bilxiginnaa guyyuu Oromiyaa keessatti sarbamiinsa mirga namoomaa uummata nagaa irratti geggeessaa jiraachuun kan mul’atuudha.

