• Fri. Mar 13th, 2026

Baalee Lixaa Aanaa Dinshoo keessatti jiraattota daandii irraa ukkaamsuun jabaatee itti fufe

Jul 23, 2025

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Godina Baalee Lixaa aanaa Dinshoo keessatti hidhatoonni impaayerattii daandii guddicha kellaa sakatta’iinsa garaa garaa irratti bahuun hawaasa godinaalee fi magaalaawwan adda addaa irraa garas deeman irratti sakattaa hammeessuu fi ilaalcha shakkii fi gandummaan guutameen namoota qabanii hidhuu, humnaan gara dirree waraanaatti erguu fi achi buutee dhabamsiisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti kellaan sakkatta’iinsa hidhattoota sirnichaan hordofamu kun, imaltoota magaalaa Finfinnee fi Shaashamannee irratti qoqqooddaa lagaa fi gandummaan uumuun, ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa hojii garaa garaaf garasitti imalan sobaan yakkuun qabanii hidhuu fi addatti immoo kanneen dargaggoota ta’an irratti xiyyeeffachuun konkolaataa keessaa buusuun mana hidhaatti guuraa jirachuu fi tarkaanfii adda addaa irratti fudhachaa jiraachuu dubbatu.

Kellaa guddicha seensa godina Baalee aanaa Dinshoo keessatti argamu irratti xiyyeeffachuun humni waraanaa achi irra qubsiifamuun imaltoota gara hojii fi firoota isaanii bira deemaniin WBO’tu isin erge jechuun osoo isaan waraqaa eenyummeessaa agarsiifatanii reebicha irratti geggeessuun hidhuu fi gariin ammoo walitti qabuun gara dirree leenjii Bilxiginnaatti ergaa jiraachuu jirattoonni ijaan argan ONM’tti himaniiru. 

Humnaa fi aangoo qabaniin akkasumas baay’ina waraana isaanii fi afaan qawweetti kan amanan bulchitootni impaayerattii saba qulqulluu hidhuu fi ajjeesuu akka tooftaa bulchiinsaaa fi dheeressituu umurii aangoo isaaniitti fayyadamuun yakka seeraa fi seenaan hin daganne hojjechaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading