• Tue. Jan 13th, 2026

Dhaabbanni Itiyoo telekoom hojjettoota sabboonummaa qaban dabaan hojii irraa ari’aa jiraachuun beekame

Jul 24, 2025

ONM-ABO Adoolessa 24, 2025 

Dhaabbanni Itiyoo telekoom handhuura Oromiyaa kan taate magaalaa guddittii Finfinneetti argamu, yeroo garaa garaatti hojjettoota tajaajila maamilaa ta’an irratti badii naamusaa malee sababa adda addaa irratti  funaanuun akka hojii gad lakkisaniif dirqisiisaa jiraachuu hojjettootni rakkoon kun irra ga’e Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka hojjettoota dhaabbatichaa hojicha irraa ari’atamaa jiran irraa odeeffannetti, dhaabbatichi ilaalcha siyaasaan hojjettoota yakkuu fi akka hojjettoonni haamilee fi kaka’umsaan hojii isaanii hin hojjenne doorsisuu, shakkii fi ija siyaasaatiin ilaalanii miidhaa irratti raawwachuuf tattaaffiin godhamu guddaa ta’uu himan.

Kana malees dhaabbaticha keessatti namoonni ga’umsa ogummaa fi muuxannoo hojii qaban irratti hundaa’anii gara gulantaa itti aanutti guddachuuf ga’umsaa fi dandeettii qabaniin osoo hin taane akkaataa walitti dhufeenyaa fi ija wal beekiinsaa akkasumas guddinni firummaa irratti hundaa’e geggeeffamaa akka jiru miidhamtoonni kunneen himaniiru.

Hojjettoonni kunneen kanaan duras tajaajila ogummaa argachuu qaban dhorkamanii akka turan himanii kan turan yoo ta’u, dabalataanis gochi akkasii farra mirga namoomaa fi diina tokkummaa keenyaati waan ta’eef ammumatti akka nurraa dhaabbatuuf wal taanee akka dura dhaabbannu jechuun daabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading