• Sat. Mar 14th, 2026

Murni Maafiyaa PP Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum keessatti hawaaasa nagaa irratti saamicha geggeessaa jiraachuun himame

Jul 25, 2025

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Murni dantaa dhuunfaa isaaf jecha hawaasa nagaaa irratti saamicha raawwachaa jiru Bilxiginnaan jaleewwan isaa uummatatti bobbaasuun, Adoolessa 21, 2025 Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa Daayyoo keessatti maqaa kaffaltii Buusaa Gonofaa jedhuun tokkoon tokkoon jiraattota gandichaa irraa dirqamaan qarshii 700 harkaa guuraa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, hanga ammaatti yoo xiqqaate hawaasa gandichichaa namoota 300 ol harkaa maallaqa kana kan fuudhan yoo ta’u, namoota bifa kanaan saamichi kun irratti raawwate keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Faaxoo Fuhaadoo,
  2. Rashiid Ibiraahimii fi
  3. Abdii Ahimad kanneen jedhaman ta’uun ibsameera.

Aanicha keessatti saamichi wal fakkaataan akkasii irra deddeebiin hawaasa nagaa irratti kaabinootaa fi waraana sirnichaan akka geggeeffamu kan himan maddeen, namoota harka qalleeyyii maallaqa jedhame kana kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading