• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo tokko ukkaamsuun hidhaatti darbatan

Jul 29, 2025

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Jiraataa godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Effarsii kan ta’e dargaggoon maqaan isaa Alamuu Tolasaa jedhamu torban darbe keessa fira dubbisuuf gara godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee yeroo deemu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira ganda Samarrootti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Dargaggoon kun tuttuqqaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, maqaa “shakkamaa siyaasaati” jedhuun kan hidhame ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Haalli yeroo ammaa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru yaaddessaa ta’uu fi ba’anii galuun akka ulfaate kan himan maddeen, ergamtoota sirnichaan jiruu fi jireenyi itti ulfaachuun namuu of jibbee sadarkaa of ajjeesuu irra ga’aa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading