• Sat. Mar 21st, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Gimbii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa boondii bituu qabdu jedhuun hawaasa saamaa jiraachuun dhaga’ame 

Jul 29, 2025

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii gandoota garaa garaa keessatti gareen bututtuu Impaayera Itiyoopiyaa utubuuf saamicha irratti bobba’anii argaman maqaa hidha laga Abbayyaaf boondii bituu qabdu jedhuun gandoota aanichaa cufa keessaa afaan qawween dirqisiisanii hawaasa irraa maallaqa saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Akka aanichaatti duulli saamicha maallaqaa maqaa garaa garaa sababeeffachuun taasifamu kun yeroo adda addaatti isaanitti deddeebi’aa turuu kan himan jiraattonni, akka fakkeenyaatti yeroo ammaa kana ganda Waddeessa Waraqaa jedhamu keessatti boondii Abbayyaa bituu qabdu jechuun tokkoon tokkoon jirattotaa irraa qarshii 3000 guuraa jiraachuu dubbatu. 

Bu’uuruma kana sababeeffachuun haati hiyyeessaa mana jireenyaa fi waan ittiin jiraattullee mana keessaa hin qabne qarshii jedhame kana kaffaluuf dirqisiifamaa kan jirtu yoo ta’u, kanneen waan kaffalan of harkaa dhaban immoo hidhaa fi reebichaan dararaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees namoonni maallaqa gaafataman argatanii kaffaluufis abdii hin qabne hidhaa fi reebicha shiftoota kanneenii sodaachuu irraan kan ka’e qe’ee fi maatii isaanii irraa kallattii garaa garaatti baqachaa jiraachuus jiraattonni ONM dubbise ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading