• Sat. Mar 14th, 2026

Mootummaa naannoo Gambeelaa keessatti uummatni Oromoo sababa Oromummaa isaan dararamaa kan jiran ta’uu fi gosootni Anyuwaa fi Nuweeriis halkan halkan wal miidhaa jiraachuun dhaga’ame

Jul 29, 2025

ONM-ABO Adoolessa 29, 2025 

Erga Abiy Ahimed aangoo qabatee ilmaan Oromoo eenyummaa isaaniin adamfamanii saamichaa fi ajjeechaa dabalatee dararaan garaa garaa  irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, gochi kun Oromiyaan alattis babal’achuun mootummaa naannoo Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo irra rakkoon qaqqabaa jiraachuu jiraattootni magaalaa Gambeelaa himan. Akka ilmaan Oromoo magaalaa Gambeelaa keessa jiraatan Arraata Biyyoolesa Oromiyaatti himanitti magaalicha keessatti jibbiinsi Oromummaa mootummaa Bilxiginnaa naannichaan deggerame guddaadha.

Magaalicha keessatti lubbuu keenya maallaqaan of jiraachisaa jirra, deemnee gallus karaatti maallaqa nu harkaa fudhatu akkasumas mana irra deemanii qarshii gurguddaa nu gaafatu yoo nuti hin qabnu yookiin hin dandeenyu jenne naannoo keessan jeeqxanii dhuftanii asiis nu hin jeeqxan isin ariina jechuun akka doorsisan ibsaniiru.

Gatii gaafatamnuu fi maallaqa kaffallu waliin tajaajila ga’ammoo argachaa hin jirru jibbiinsa horachuu irraa kan hafe kan jedhan ilmaan Oromoo magaalaa Gambeelaa kun, waajjiras ta’e biiroo hojii naannichaa dhimma isaaniif  yoo dhaqan sirnaan keessumma’aa akka hin jirree fi murtiis ta’e tajaajila sirrii akka argachaa hin jirre, akkasumas akka dhiibaman himaniiru.

Naannoo hojjettoota mootummaa naannichaa ilmaan Oromoo ta’e irrattis dhiibbaan hojii jiraachuu fi sadarkaa akkasumas faayidaa malu argachaa akka hin jirre kan himan hojjettootni mootummaa naanichaa, warreen Dhaabbata miti mootummaa keessaa hojjetan illee qajeelfama tokko tokko irratti hundaa’uun warreen Oromoo ta’an qofa ari’uun rakkoo jireenyaaf namoota hedduu saaxilanii jiru.

Naannoon Gambeelaa sababa tasgabbii hin qabneef jireenya hawaasaaf yaaddessaa ta’uu kan himan jirattootni, waldhibdeen gosoota Anyuwaa fi Nuweerii gidduutti uumamee jiru tasgabbaa’uu dadhabuun hammi isaa xiqqaatus lubbuu balleessaa fi qabeenya mancaasaa jira.

Dheengadda Adoolessa 27, 2025 nama gosa Anyuwaa ta’e tokko hojjetaa waajjira bulchiinsa magaalaa 03 naannoo Makkaana Yesuus jiraatu ajjeesanii bakka Eliyaa jedhamutti kan gatan yoo ta’u, reeffi isaa kaleessa Adoolessa 28,2025 argamee kaafamee akka awwaalamu ta’ee jira.

Gochi kun uummata gosa Anyuwaa magaalaa Gambeelaa naannoo 03 jiraatan kan mufachiise ta’uun hawaasni magaalattii dhibdeen biraan itti aanee dhufuu danda’a jechuun yaaddoo keessa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading