ONM-ABO Adoolessa 31, 2025
Murni Bilxiginnaa dhaabbatoota mootummaas ta’e miti mootummaa ta’an hedduu kanneen ilaalcha siyaasaa irraa walaba ta’uu qaban, dantaa dhuunfaan bituu fi siyaasa isaa fudhachiisuun tajaajila namootaa hanqisaa fi mirga namootaa keessatti cabsaa jira.
Bifuma kanaan dhaabbanni Ethio-telecom kan madda galii, tiksituu siyaasaa fi akka meeshaa lolaatti pp’n itti fayyadamu magaalaa Finfinnee keessatti argamu Adoolessa 30, 2025 hojjatoota dhalootaan Oromoo ta’an, dabaan ilaalcha isaan hin qabne ittin maxxansuun yakkee hojii irraa ari’aa akka jiru maddeen itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himaniiru.
Gochaan kun ijoollee Oromoo irratti dhaabbanni kun akka hojjatu faayidaa dhuunfaa argatuuf jedhee kan gochisiisaa jiru hojjataa dhaabbatichaa tika pp waliin ta’ee hojjetu nama maqaan isaa Obbo Admaas Dheeressaa jedhamu yoo ta’u, hojjettootni ilaacha siyaasa PP akka hordofan yoo hin goone ammoo, paartiilee biroo deggertu jechuun akka hojii irraa ari’an irra deddeebiin doorsisa geggeessaa jiraachuu maddeen eeraniiru.
Dhaabbanni kun kanaan duras caasaa basaasaa murna Bilxiginnaa wajjiin walta’uun ilmaan Oromoo hedduu mana hidhaatti guursisaa akka turee fi itti jiru ragaan namoota hedduu biraa arganne ni mirkaneessa.
Dhaabbanni pp Itiyoo – Telekoom kun dararaa siyaasaa malee rakkoo hawaasummaa hojettootaa furuuf hojjechaa kan hin jirre yoo ta’u, rakkoo naannoo mana hojii fi qaala’iinsa jireenyaan kan wal qabatu jibbuun hojjetaan isaa tokko baatii muraasa dura of ajjeesuun ni yaadatama.

