• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti namoonni hedduun maqaa shororkeessummaan yoo himataman, namoonni hedduun immoo gaaffii tokko malee yeroo dheeraaf lukkeelee Bilxiginnaan dararamaa jiraachuun himame

Aug 2, 2025

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu murni abbaa irree Bilxiginnaa, maqaa “deggertoota WBO’ti” jedhuun waan hawaasa hin ilaallannee fi keessaa hin qabne cufa itti maxxansuun sobaan yakkee hiraarsuu itti fufuun, godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Waatoo jedhamu irraa barataa Muktaar Huseen Goobanaa fi ganda Mucoo jedhamu irraa Roobaa Siidaa kanneen jedhaman ji’oota shan dura ukkaamfamanii hidhamuun erga garmalee dararamaa turaniin booda, maqaa shororkeessummaan himatamuun torban darbe keessa, ergamtoonni Bilxiginnaa murtii hidhaa itti muranii gara magaalaa Nageelleetti geessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanicha keessatti, maqaa ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoonni baay’inaan 170 ol ta’an ji’oota hedduuf dararamaa kan jiran yoo ta’u, ganda Qaraaroo jedhamu irraa namoonni maqaan isaanii:

  1. Dhugumaa Turaa fi 
  2. Sulemaan Baqqalaa kanneen jedhamanii fi 

ganda Mucoo irraa Dambalii Waaccee akkasumas ganda Dilalleessaa irraa immoo namni:

  1. Xayib Calanqoo jedhamuu fi 

kanneen biroon hedduu ta’an ji’oota shanii oliif waajjira poolisii aanichaa keessatti gaaffii seeraa tokko malee dararamaa jiraachuun ifoomeera.

Gareen faashistii dararaa hanga kana uummata bulchaan jira jedhu irraan ga’aa garuu faallaa kanaa nagaan argamee hin beekne bu’eera, uummatichi galata hin beeku jedhus, dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa har’as garee Bilxiginnaan uummata irraan miidhaa ga’aa jiraachuu ibsa baasaa fi gocha isaanii kana irraa akka dhaabbatan akeekaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading