• Tue. Jan 13th, 2026

Kaaba baha Naayijeeriyaa keessatti garee finxaaleyyii qonnaan bultoota fi daa’imman walumatti namoota 15 ajjeesuu AFP’n gabaase

Aug 2, 2025

ONM-ABO Hagayya 2, 2025 

Hidhattoonni garee finxaaleessaa IS waliin hidhata qaban haleellaa qawwee fi dhoiinsaa boombii lafaan  Naayijeeriyaa kaaba baha Boornoo, wiirtuu waldhabdee finxaaleyyii tae keessatti qonnaan bultootaa fi daaimman walumatti lammiilee Naayijeeriyaa  kudhanii ol ajjeesuu isaanii miseensonni milishaa farra shororkeessitootaa lama Jimaata kaleessaa AFP’tti himaniiru.

Loltoonni IS Naannoo Dhiha Afrikaa yookiin ‘West Africa Province’ irraa dhufan Kamisa darbe ganda Gurnoowaa naannoo magaalaa Gaarisan Moongunoo jedhamutti argamuun alatti garee qonnaan bultootaa fi daaimman irratti dhukaasa banuu isaanii milishoonni kun himaniiru.

“Namootni keenya reeffa 11 gara Moongunootti akka  baasan himuun, gareen biraa dubartii tokkoo fi reeffa ijoollee ishee sadii fidaniiru, jedhan Babakura Kooloo, hogganaan milishaa farra finxaaleyyii kanaa.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kaaba baha Naayijeeriyaa keessatti haleellaan garee finxaaleyyiin deebiee kaaa jiru, gargaarsi biyya alaa guddaan hirachuu fi baasii jireenyaa dabalaa dhufe keessatti namoonni miliyoona tokkoo ol beelli akka isaan mudatu ibseera.

Walitti buiinsa waggoota 16f ture kanaan lubbuun namoota 40,000 ol kan galaafatame yoo tau, namootni miliyoona lamaa ol qeee isaanii irraa buqqauu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kun beeksisuu AFPn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading