ONM-ABO Hagayya 3, 2025
Ergamaan Ameerikaa Isteev Wiitkoof Sanbata kaleessaa maatii booji’amtoota Israa’el ammallee Gaazaatti qabaman, sababa hanga ammaa hin deebineef dhiphina keessa jiran waliin wal arganii jiru. Sababni dhiphina maatii kanaa sodaan lubbuun jiraachuu booji’amtootaa lola haleellaa Hamaas Onkoloolessa bara 2023 booda ka’e gara ji’oota 22 ture dabalaa dhufeeni.
Wiitkoof mormitoota dhibbaan lakkaa’aman Tel Aviv keessatti walitti qabaman irraa harka rukutuu fi iyyannoo gargaarsaa tokko tokkoon kan simataman, maatii kana waliin walgahii cufaa osoo hin seenin dura.
Waltajjiin Maatii Booji’amtootaa fi Namoota Badee gaggeeffamaa akka ture kan mirkaneesse yoo ta’u, viidiyoon toora interneetii irratti qoodame akka agarsiisutti maatiin “Manatti fidaa!” akkasumas “Gargaarsa keessan nu barbaachisa” jechuun yaada isaanii ibsataniiru.
Daawwannaan kun kan raawwatame Wiitkoof buufata gargaarsaa Ameerikaan deggaramu Gaazaa keessa jiru tattaaffii nyaata gara naannoo Falasxiin barbadaa’etti geessuuf taasifamu sakatta’uuf ta’uu erga daawwatee guyyaa tokko booda.

