• Mon. Mar 16th, 2026

Arsii Lixaa Aanaalee garaa garaa keessatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa hiraarsuu jabeesse

Aug 7, 2025

ONM-ABO Hagayya 7, 2025 

Baatii dabre Adoolessa 30, 2025 irraa eegaluun hanga gabaasni kun qindaa’eetti  godina Arsii Lixaa aanaa Qoree ganda Bataa Wanxaashaa jedhamu keessaa maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu ummatatti maxxansuun hawaasa jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti guuruun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Namoota hidhamanii jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Muhammadnuur Haaji Kaliil,
  2. Diidoo Kollessaa, 
  3. Waliyyii Waaqayyoo, 
  4. Waariqaa Dheekkamoo, 
  5. Wayyoo Qaabatoo, 
  6. Hirphoo Qaabatoo, 
  7. Guddataa Qaabatoo fi 
  8. Tibbeessoo Guyyee kanneen jedhamaniidha.

Akkasumas, godinichuma  aanaa Nageellee Arsii gandoota garaa garaa keessaa Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa jiraa of keessaa baasaa jechuun hawaasa waltajjii nageenyaa jechuun guyyaa guyyaan waltajjii baasuun, yeroo itti silaa uummatni oomisha isaa hojjetatutti guyyaa guutuu teessisuun doorsisaa jiraachuu maddeen dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading