• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Gooroo Guutuutti hidhattoonni humna addaa Soomaalee qonnaan bulaa Oromoo tokko ajjeesuun sadii madeessuun dhaga’ame

Aug 7, 2025

ONM-ABO Hagayya 7, 2025 

Murni gabroomfataan impaayerattii gama itti  saboota biroo ilmaan Oromoo irratti kakaasuu fi daangaa Oromiyaa saamsisuuf tooftaa adda addaa bocee ilmaan Oromoo akka qe’ee isaanii irratti lafaa fi qabeenya saaman akkasumas lubbuu obba’an taasisaa jira.  

Aanaa Gooroo Guutuu araddaa Jiruu Ifaa ganda Gumaa jedhamutti hidhattoonni humna addaa Soomaalee ganama  Hagayya 5, 2025 naannoo sa’atii 3:00’tti lafa qonnaa isaanii keessatti dhukaasa itti banuun qonnaan bulaa Oromoo Obbo Ahimad Aliyyii Adam jedhamu rasaasaan dhahanii ajjeesuun qonnaan bultoota baay’inni isaanii 3 ta’an immoo madeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Obbo Ahimad abbaa ilmaan kudhanii loltootni humna addaa Soomaalee kun haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii jiru. Kana malees  meeshaa waraanaa gurguddaa fayyadamanii ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisaa waan jiraniif jiraattonni yaaddoo hamaa keessa jiraachuun ifoomeera. 

Murni Bilxiginnaa bakka bu’uu isaa Bilxiginnaan naannoo Soomaalee Musxafee Mohaammad qabatee karoora Bahaa fi Lixa Harargee weeraruu baatii tokko dura baafachuun yeroo ammaa kallattii Jaarsoo, Baabbilee, Cinaaksanii fi Mi’eessoon tuttuqaa geggeessaa jira,

Karaa Kibba Oromiyaa godina Booranaanis saamicha lafaa eegaluun Mooyaalee kan Soomaalee taasisuuf deemaa kan jiran yoo ta’u, kan mormuun uummatni Oromoo godina Booranaa hiriira mormii qabu kaleessa dabalatee guyyaa hedduuf kutaalaa godinichaa keessatti geggeessaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading