ONM-ABO Hagayya 7, 2025
Aanaa Dhidheessaa gandoota akka: Burqaa Jaalalaa, Cirrachaa, Madda Misoomaa jedhaman keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa “WBO’tu aanaa keenya seenaa jira waan ta’eef, waan qabdan qabattanii gara bosonaa deemuu qabdu” jechuun hawaasa dirqamaan baasanii meeshaalee akka: eeboo, qottoo, gajaraa fi kanneen biroo baachisuun olii fi gadi joorsaa turuu jiraattonni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni gabroomfataan impaayerattii hundeetti buqqa’uu jala ga’ee raafamaa jiru hordofee, tumsa uummataan taayitaa isaa jabeeffachuu fi humnoota bilisummaa sabichaaf qabsa’anii fi uummata walitti buusuuf hojii dabaa kana tooftaa waraanaa taasifachuun hojjechaa jira.
Kana malees, lukkeeleen kunneen sodaa hamaa keessa waan jiraniif, jiraattonni aanichaa hundi halkan-halkan ba’anii akka waardiyyaa eeganiif torban darbe irraa eegalee dirqisiifamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

