• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa maqaa “eegumsa naannoo” jedhuun hawaasa dararaa jiraachuun himame

Aug 7, 2025

ONM-ABO Hagayya 7, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Ushaanee Qoocee fi Gibee Boosoo keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoopiyaa sodaa “WBO’tu nutti dhufaa jira” jedhu irraan kan ka’e jiraattota dirqamaan halkan guutuu eegumsa naannoo irra bulchaa kan jiran ta’uu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota eegumsa kana guyyaa dabaree isaanii ba’anii hin eegnes milishoonni Bilxiginnaa irra deemanii hordoffii taasisuun hidhaatti darbachaa kan jiran ta’uun eeramee jira.

Koloneel Abiy Ahimed yeroo adda addaatti jaleewwan isaa kumataamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading