• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraatti yakkoonni saamicha lafaa fi hidhaan murna Bilxiginnaan jabaatee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Aug 7, 2025

ONM-ABO Hagayya 7, 2025 

Murna Bilxiginnaan saamichi lafaa fi roorroon daangaa darbe godina Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa bulchiinsa magaalaa Aayiraatti geggeeffamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Waraanni sirnichaa saamichaa fi duguggaa sanyiif dachee Oromiyaatti bobbaafamuun gocha farrummaa jabaa geggeessaa jiru lafa qabeenyuummaan isaa dhaabbata amantaa Makana Yesuus Sinoodosii Birbir Diillaa jedhamee beekamu tajaajila uummata isaaf waggoota hedduuf kennaa kan ture, qabiyyeen lafa kanaas beekamtii kan qabu torban kana keessa ergamtoonni Bilxiginnaa itti yaa’uun hirachuun dhaga’ameera.

Lafa mana amantaa kanas kan hire bulchaa bulchiinsa magaalaa Aayiraa yoo ta’u, kan hirmaate poolisiii aanaa Aayiraa fi ergamtoota jalee sirnichaa kaadiree  akkasumas milishaa aanaa Aayiraa akka ta’es kan beekame oggaa ta’u, akka waliigalaatti baay’inni namoota hirameefii soddomii ja’a akka ta’es ibsameera.

Akka jiraataan onichaa tokko himutti osoo lafa kana hin hirin dura bulchitoota dhaabbata amantichaa namoota 3 hidhanii kan turan yoo ta’u, hooggantoonni dhaabbata kanaa gaafannaan kan lafaa miti dhaabbaticha dhabuuf jirtu jechuun sodaachisa irratti raawwachaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo Obbo Geetaa Adabaa maanguddoo umrii jatamaa olii jaarsa biyyaa nama dhibee kaleen rakkatu baatii 7 oliif mana hidhaa keessatti maqaa ijoollee keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhuun gidiraa hamtuu argaa kan jiruu fi namoota maqaan isaanii:

  1. Shamarree Haannaa Shifarraa,
  2. Olaanii Tafarraa,
  3. B/sa Dastaa Naggasaa,
  4. B/sa Geetachoo Caalaa
  5. Obbo  Guutuu Badhaasaa,
  6. Phaawuloos Yoonaas,
  7. Guddina Waaqwayyaa fi 

kanneen biroo hedduun haala baay’ee nama gaddisiisuun gidirfamaa akka jiran itti dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading