• Fri. Mar 13th, 2026

Pirezidaantiin Raashiyaa Puutiin xumura yeroo qoqqobbiin haaraan Doonaald Traampiin irra kaa’amu dura ergamaa addaa Ameerikaa Wiitkoof waliin wal argan

Aug 7, 2025

ONM-ABO Hagayya 7, 2025 

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Roobii kaleessaa Moskootti ergamaa addaa prezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Isteev Wiitkoof waliin kan wal argan yoo ta’u, mariin kun gara sa’aatii sadii kan fudhate ta’uu miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa gabaasan.

Walgahiin kun guyyaa xumuraa Tiraamp Moskoon haleellaa Yukireen irratti raawwattu akka dhaabdu yookaan qoqqobbii haaraa akka ishee mudatu kaa’e guyyaa lama dura ture.

Waldhabdee kana erga aangoo qabatanii sa’aatii 24 keessatti xumuruu akka danda’an kan dhaadatan Traamp, Raashiyaan gara nagaa akka tarkaanfattu ykn adabbii haaraa akka ishee mudatu hanga Jimaataa har’aatti  yeroo kennaniiru.

Garuu mariin nagaa Raashiyaa fi Yukireen marsaa sadii Istaanbul keessatti gaggeeffame dhukaasa dhaabuu irratti tarkaanfii fudhachuu hin dandeenye, biyyootni lamaan wal irraa fagaatanii jiru.

Raashiyaan haleellaa diroonii fi misaa’ela ollaa ishee warra dhihaan deggeramtu irratti raawwattu sadarkaa  ol guddiftee lafa irratti tarkaanfii ishee saffisiisteetti.

Kiremlin marii kana dura viidiyoo Puutiin Wiitkoof harka walqabachuu agarsiisu maxxansitus garuu bal’ina dabalataa hin kennine.

Walgahii kanaan dura preezdaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskiin Waashingitan Moskoo irratti dhiibbaa akka dabaltu gochuun dhukaasa dhaabuu irratti walii galuu akka qabdu gaafateera jechuun Al arabiyan barruu dheeraa balballoomseen ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading