ONM-ABO Hagayya 20, 2025
Guyyoota lamaan darban lola hidhattoonni humna addaa naannoo Somaalee uummata Oromoo irratti raawwataniin namootni lama ajjeefamuu fi namni tokko madaa’uun himameera
Sanbata Hagayya 17, 2025 Haleellaa humnootni addaa naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun baha Oromiyaa godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti uummata meesha maleeyyii irratti bananiin qonnaan bultoonni lama kan maqaan isaanii Abdii Abdallaa Zaakir fi Bayaan Abduramaan Rashiid kan jedhaman yommuu ajjeefaman, namni biraan Ahimad Abdii Yaasin jedhamu ammoo madoo ulfaataan irra ga’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru
Ka’umsa lola kanaa maddeen yoo himan durumaanuu dhimma daangaa fi lafa babal’ifannaa irratti Somaalee waliin wal dhabdeen jiraachuu himuun, tibbana immoo hidhattoonni Somaalee kunneen ajaja murna Bilxiginnaan tumsamanii uummata Oromoo daangaa irra jiran irratti lola qindaa’aa akka bananiif bobbaafamuu dubbatu.
Lafti kun seeraanis ta’e seenaan kan uummata Oromoo yoo ta’u, uummatni Somaalee yeroo garaagaraatti dhimma lafa babal’ifannaaf jecha daangaa cabsanii seenuun saamicha qabeenyaa, ajjechaa uummata nagaa fi buqqaatii hawaasaa raawwachaa jiru.
Kunis ta’uu kan danda’eef shira murna Bilxiginnaan qindaa’e yoo ta’u, yeroo siyaasaan muddamutti sabootaa fi sab-lammoota nagaan waliin jiraatan waliin tuttuqee walirratti kakaasuun gaaga’ama lubbuu fi mancaatii qabeenyaa erga raawwachiiseen booda bifa araaraa fi nagaatiin giddu-seentummaa uumee dantaa siyaasaaf dhimma itti ba’a.
Lixa harargee aanaa Mi’eessoo keessattis taateen raawwatamaa jiru bifuma kana fakkaatuun adeemsifamaa jiraachuu fi gochi ajjeechaa yeroo darbes aanaa Qumbii Bordoddeetti dargooggota lama irratti raawwachuun kibba Oromiyaa Godina Booranaa aanaalee tokko tokko keessatti bifa wal fakkaatuun itti fufuun uummatni nagaan ajjeefamuu fi saamamaa jiraachuun ni beekama.



