ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Gambeela Tarree keessaa Hagayya 25, 2025 jiraataa gandichaa tokko barsiisaa Ispoortii Maarshaal Ushuu kan ta’e nama maqaan isaa Kennaa Jabeessaa Giddiisaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun deggeraa siyaasa dhaaba kamiiyyuu akka hin taane himuun, milishaan sirnichaa hawaasa gandichaa hiraaarsaa jiru namni maqaan isaa Tasfaayee Margaa jedhamu maqaa “miidiyaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf odeessa kennita” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbachuu dubbatu.
Bifuma wal-fakkaatuun ganduma kana keessaa waraanni Bilxiginnaa kunneen Hagayya 26, 2025 maanguddoo ganna 60 olii nama maqaan isaa Obbo Geetaa Shifarraa jedhamu yakka tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Maanguddoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi jaarsa araaraa hawaasa naannoo biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qabu yoo ta’u, lukkeeleen PP garuu maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun gara laafummaa tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu kan dadhaban ergamtoonni abbaa irree koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti haala duraan amaleeffataniin olitti maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti sarbamiinsa mirga namoomaa raawwachuu itti fufanii jiru.
Murni ilaalcha siyaasaan nama yakku kun warra fuula haaraa, seelii diinaa, shanee, ergamtoota, baandaa, farra misoomaa, farra nageenyaa fi kkf jechuun lammiilee nagaa akka bu’uura seeraa fi diimookiraasiitti madda aangoo ta’an bu’aa siyaasa isaaf miidhaa gurguddaa irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.

