ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Ushaanee Qoocee fi Gibee Boosoo keessatti jaleewwan sirna nama nyaataa PP hawaasa dirqamaan waltajjii baasuun, “yoo daftanii ilmaan keessan bosonaa hin galchitan ta’e tarkaanfii barbaachisu isin irratti fudhanna” jedhanii maatii qabsaa’otaa doorsisaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, dararaa fi doorsisni maatii qabsaa’otaa kanneen irratti raawwatamaa jiru kun sodaa “ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fidee dhufaa jira” jedhuun akka ta’e dubbatu.
Oduu saamichaatiin ammoo aanichuma ganda Meexxii Abbayyii keessatti Hagayya 25, 2025 irraa eegalanii maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun haadha hiyyeessaa homaa tokkollee hin qabne irraa dirqamaan qarshii 200 fuuchaa kan jiran yoo ta’u, kanneen akka naannichaatti jireenya fooyya’aa jiraatan irraa ammoo hanga qarshii 2,000’tti funaanaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Kana malees ganduma Meexxii Abbayyii kana keessaa kaabinoonni sirnichaa dargaggoota maallaqaan goyyomsanii gara leenjii raayyaa ittisa impaayerattiitti ergaa kan jiran yoo ta’u, nama tokkos qarshii 20,000n bitaa jiraachuu fi kanneen qe’eetti dirqiin qabaniif ammoo qarshii 10,000 harkatti kennanii uffataa fi kophee itti bituun, “yeroo leenjitanii baatan ammoo miindaa qarshii 15,000-20,000’tti nyaattu” jedhanii goyyomsaa jiraachuun ifoomeera.
Akka ragaa dhabbata mootummoota gamtoomanii gidduu kana dhimma godaansaa irratti ba’e agarsiisutti Itoophiyaa keessaa dargaggootni 20,000 baatiitti akkasumas waggaatti 250,000 gara biyya alaatti ni godaanu jedha. Sababni godaansa kanaas Bilxiginnaan carraa hojii waraanummaa fi hojdhabduummaa qofa waan uumeef dargaggootni abdii kutachuu fi carraa barnootaa dhabuu irraan kan ka’e akka ta’e ibsameera.

