ONM-ABO Hagayya 29, 2025
Hagayya 26, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa dararaa uummata irratti rawwachaa jiran jabeessuun, maqaa “ayyaana dhufaa jiruuf” jedhuun, jiraattota magaalichaan tokkoon tokkoon keessan qarshii 2000 kennuu qabdu uffata aadaa fi horii qalannu ittiin bitanna jechuun uummata magaalaa Maqii hunda dirqamaan dirree kubbaa miillaa magaalichaatti walitti qabuun doorsisa garaa garaa irratti raawwachaa turan. Namni maallaqa hanga nuti jenne kennuu dide deggaraa WBO waan ta’eef tarkaanfii barbaachisu irratti fudhanna jechuun itti dhaadachaa turuu jiraattotni gabaasaniiru.
Akkasumas, waltajjii sana irratti WBO baleessineerra waan ta’eef namni Bilxiginnaa mormuuf kaayyoo qabu jiraachuu hin qabu jechuun yoo dubbatan uummanni wal faana haasaa isaanii kanatti yoo kolfu maaliif kofaltu jechuun guyyaa guutuu aduu keessa oolchuu hirmaataan waltajjii sanaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Abiy Ahimed impaayerattii keessatti goolama siyaasaa deemaa jiruuf furmaata kennuu caalaa abbaa irrummaa isaa qofatti amanuun lubbuu ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan akka baala mukaatti harcaasisaa oolu waan akka nagaa jirutti uummata goyomsuuf yaalus, qorannoo nageenyaan wal qabatuun ‘Global Peace Index’ tibbana biyyoota 163 keessatti geggeessuun baaseen Itiyoopiyaan qabxiilee qorannoo hundaan walitti dhufeenya biyyoota ollaa fi lola keessootiin 138ffaa ta’uun ni beekama.



