• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti Waraanni PP daldaltoota dirqisiisanii qawwee bitadhaa jechuun maallaqa gurguddaa harkaa saamaa jiraachuu maddeen himan

Aug 29, 2025

ONM-ABO Hagayya 29, 2025 

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa Buufata 5’ffaa keessatti waraanni PP daldattoota dukkaana xixiqqaa daldalaniin dirqamaan qawwee bitadhaa jechuun tokkoon tokkoon isaanii irraa qarshii 52,000 funaanaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, daldaltootni qarshii gaafataman kunneen qabeenyi isaanii walii galaayyuu osoo tilmaamamee qarshii 52,000 kan hin taane ta’us,  Bilxiginnaan garuu afaan qawween doorsisee irraa funaanuun warreen maallaqa jedhame  hin qabne immoo hidhuun hiraarsaa jira jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Murni Bilxiginnaa maqaa adda addaa dha’achuun nagahee tokko malee saamicha gaggeessuun dinagdee uummataa laamshessuun biyyittiin gadadoo fi hiyyuummaaf akka saaxilamtu gochaa jiraachuun ifatti ni mul’ata.

Gareen faashsitii PP meeshaa waraanaa oomishuu dandeenyeerra jechuun warshaa waraanaa Hoomachoo fi kanneen biroo irra naanna’uun akkasumas Shimallis Abdiisaa meeshaa waraanaa Biraanuu Juulaa irraa bitus, warri ajjeesee hin quufne sun ga’uu dinnaan uummata irraas dabalataan meeshaa bituuf maallaqa guuraa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading