ONM-ABO Hagayya 29, 2025
Godina Gujii Lixaa aanaalee garaa garaa keessatti murni Bilxiginnaa dararaa hawaasa nagaa irratti, hidhaa fi saamichis qabeenya uummataa irratti raawwatamu cimee itti fufuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Waraanni goolessituun impaayera bututtuu suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan bakka bobbaa isaanii maratti nagaa uummata Oromoo gooluu fi maqaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti jedhuun daraaraa garaa garaa raawwachuun ajjeechaa, hidhaa, reebicha, saamicha qabeenyaa fi gubaatii manneenii raawwachuun qe’ee uummata Oromootti gaddaa fi gadaadoo uuwwisaa oolu.
Hagayya 26, 2025 godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Shamoolee Odaa (Bonkittii) jedhamuun beekamu keessatti kaabinoonni fi loltootni faashistii PP wal ta’uun maqaa sakkatta’a fi maatii qabsaa’otaati jedhuun, namoota maqaan isaanii:
- Wotticha Dhugoo jalaa loon 8,
- Qabballee Bariisoo jalaa loon 1,
- Gammachuu Mijuu jalaa loon 2 fi
kanneen ammaaf maqaan nu hin geenye biroo jalaa qabeenya mancaasanii deemuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

