ONM-ABO Fulbaana 5, 2025
Murni Bilxiginnaa bulee ka’ee tooftaa ittii uummata kana saaman qofa baasuun uummatatti jireenya hadheessuu itti fufuun, godina Baalee Bahaa aanaalee hundatti osoo gibirri seeraa fi labsiin akkasumas, karaa biiroo galii Oromiyaatiin hektaarri tokko 400 jedhamee ibsi kennamee jiruu, caasaaleen Bilxiginnaa godina, aanaa fi ganda irra jiran hektaara tokko irraa qarshii 1500-2000’tti guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Akka jiraattotni jedhanitti, yeroo qonnaan bultootni haala labsii fi seerri jedhuun gaafatan “ati nama gibirri mootummaa akka hin guuramneef gufuu tahee fi uummatni akka gibira hin kafalleef kakaasuudha jechuun hidhaan sodaachisaa akka jiran eeramera.
Itti dabaluun, yeroo uummatni itti gaafatamaan galii biiroo Oromiyaa haala kanaan akka kaffalamu jedhee labsii baaseera haala sanaan kaffalla wayita jedhu jarri homaa harkaa hin qaban qajeelfamaa fi karoora gandatti gadi bu’e kan nuti beeknu jedhanii uummatatti qoosaa turuu jiraattotni dabaluun eeraniiru.

