• Sun. Mar 15th, 2026

Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa keessatti hidhaa fi saamichi uummata nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

Sep 6, 2025

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Dibbee Qongaa keessatti hidhattoonni sirnichaa maqaa ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun uummata nagaa hidhaatti guuruu hammeessuun, ganda Dibbee Qongaa irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Beqeshuu Mijuu, 
  2. Shubboo Badhaasoo, 
  3. Daannaa Goobanaa,
  4. Koortuu Danboobii fi 

kanneen maqaan isaanii hin ibsamin hedduu jalaa horii hedduu saamuun, namoota kanneenis hidhanii dararaa jiraachuu fi hanga ijoolleen keessan Waraana Bilisummaa Oromoo keessaa galanitti hidhaa irraa hin baatan jechuun itti dhaadachaa jiraachuun ibsameera.

Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanitti namoonni yakki saamichaa fi hidhaa irratti geggeeffame kunneen jiraattota nagaan jiruu fi jireenya ofii gaggeeffachuu malee dhimma siyaasaa kamiyyuu keessaa harka hin qabne yommuu ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa immoo maqaan ilmaan keessan miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun hidhaa fi saamicha irratti raawwachuu dubbatu. 

Aanicha keessatti gochi farra namoomaa yeroo garaa garaatti irra deddeebiin mul’ataa kan jiru yoo ta’u, akkuma guutummaa godinichaatti hawaasni roorroo fi dararaa murna Bilxiginnaan irratti raawwatamuuf jecha nagaan bobba’ee galuu dadhabuu fi yeroo darbes jaleewwan sirnichaa kunneen maqaa haadha manaa qabsaa’aati jedhuun haadha ulfaa tokko ajjeesuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading